Dandeettii Indaastiriiwwan biyya keessaa guddisuun Badhaadhina hundagaleessa Ityoophiyaaf utubaadha – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Dandeettii Indaastiriiwwan biyya keessaa guddisuun Badhaadhina hundagaleessa Ityoophiyaaf utubaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Sagantaan ‘Ityoophiyaan yaa oomishtuu’ jalqabsiisuu masaraa mootummaatti gaggeeffameera.

Oomishtoota 81f bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti beekkamtiin kennameera.

Damee oomistummaan karoora 2022 milkeessuuf sochiin eegalamuu Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.

Biyya keessatti Oomishuu eegaluun sharafa alaa dandamachuu hanga carraa hojii uumuu fi daldala alaa guddisuuf shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Rakkoolee damichaan jiran furuunf abbootiin qabeenyaas biyya isaanii deeggaruun qaama furmaataa ta’uu akka qaban Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Dandeettii Indaastiriiwwan biyya keessaa guddisuun Badhaadhina hundagaleessa Ityoophiyaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Afawarq Iyyaayyuu fi Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment