Dandeetiin Humni Qilleensaa ijaaraa jiru biyyoota biroof fakkeenya- Ataasheewwan

Finfinnee, Mudde 7, 2016 (FBC)- Dandeetiin Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa ijaaraa jiru biyyoota Afrikaaf barnootaa ta’uu Ataasheewwan Loltummaa Embaasiiwwan biyyootaa garaagaraa Finfinneetti argamanii ibsa.

Itiyoophiyaatti Ateesheen Loltummaa Embaasii Sudaan Kibbaa Birgaader Jeneraal Dook Anoog Deng, argisiisa humni qilleensaa gaggeesse dinqisiifachuu eeranii, argisiisa kana babal’isuun walta’iinsaa damee loltummaan jiru cimsuun akka barbaachisu barnootaa ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaattii Ataasheen Loltummaa Embaasii Seneegaal Leetenaal Koloneel Maamadu Fuul gama isaaniin, kutannoo fi ga’umsaa ogummaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa daawwachuu eeraniiru.

Sadarkaa humni qilleensichaa irratti argamuus olaanaa ta’uu himanii, biyyoonni afrikaa argisiisa waraanaa waloo dabalatee walta’iinsa damee loltummaan qaban cimsuu akka qaban hubachisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment