Danbiin labsii yeroo ariifachiisaa raawwachiisu Abbaan Alangaa Waliigalaa ifoomse

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC)- Danbiin labsii yeroo ariifachiisaa raawwachiisu Abbaan Alangaa Waliigalaa ifoomse.

Weera Koroonaa vaayirasii ittisuu, too’achuu fi miidhaa geechisuu danda’u hir’isuuf wixinee labsii yeroo ariifachiisaa Manni maree ministirotaa baase Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa raggaasisuun ni yaadatama.

Abbaan Alangaa Federaalaa Aadde Adaanech Habeebee danbii labsichi ittiin raawwatamu irratti ibsa kennaniiru.

Danbii labsichi ittiin raawwatamu kutaalee gurguddoo afur kan qabu yoo ta’u, innis dhorkaa fi dirqama kan kaa’u, akkasumaas dangeeffama adda addaa of keessatti kan qabatedha.

Dhorka ilaalchisee walgahii amantis ta’ee siyaasaa, iddirii, daboo, iqubii fi kanneen biroo namoota 4 ol walga’uun dhorkaadha.

Sirna awwalchaa fi kanneen barbaachisoo biroo yoo jiraate garuu haalli itti eyyamamu jiraachu eeraniiru.

Naannoo daangaa tajaajila Kaargoo, fe’umsa gogaa fi dhagala’oorraan kan hafe sochii kamiirrayyu cufaadha.

Namoonni mana kireeffatan fedhii isaani yoo lakkisan malee baasuu fi kiraay manaa dabaluun dhorkaadha.

Barataa fi barsiisaan onlaynin malee qaamaan wal arguun hin eeyyamamu.

Bakkeewwan ispoortii, daa’imman itti taphatan, akkasumaas harka walfuudhun dhorkaa ta’u ragaan Tajaajila Oduu Ityoophiyaarra argame ni muldhisa.

Dameen geejjibaan qaxxamurri naannoo teessoo qabuun imaltoota %50 ol fe’uun dhorkaadha.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment