Dameewwan qonnaarratti deeggarsi qaamolee deeggartootaa barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)- Dameewwan qonnaa mootummaan xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jirurratti deeggarsi qaamolee deeggartootaa barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsan.

Dooktar Fitsum Dhaabbata Deeggarsa Misooma Qonnaatti Daayrektara Ityoophiyaa Maawiiraa Chiitiimaa waliin mari’ataniiru.

Hojiilee gurguddoo damee qonnaa  cimsuu fi ammayyeessuuf hojjetamaa jiran irratti Dooktar Fitsum ibsa taasisaniiru.

Mootummaan damee misooma qonnaa keesumaa misooma jallisii fi jijjiirama qabeenya qilleensaarratti xiyyeeffannoo kan kennuu ta’uu fi dameewwan kanneenirratti deeggarsi dhaabbilee deeggarsaa barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Dhaabbanni Deeggarsa Misooma Qonnaa yeroo ammaa Ityoophiyaatti proojektiiwwan gurguddoo 3 hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Sagantaalee dhaabbatichi fuulduratti ifoomsuuf karoorfate Qonna hirmaachisaa fi Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa jedhamanirratti  Dhaabbata Deeggarsa Misooma Qonnaatti Daayrektarri Ityoophiyaa Maawiiraa Chiitiimaa ibsa laataniiru.

Proojektiiwwan kunneen Dhaabbata Deeggarsa Misooma Qonnaa, Griin Kilaaymeet Fandii fi Baankii Invastimantii Awurooppaan kan deeggaraman ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment