Dameewwan hundaan adeemsi raayyaa ijaaruu cimee itti fufa-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC)- Hojiin Gurmaa’ina, beekumsaa fi teeknooloojiin Raayyaa Ittisa Biyyaa ijaaruu cimee kan itti fufu ta’u Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Hoospitaala Koompireehensivii Ispeeshalaayizdii Beellaatti ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa wayita kaa’an haasaawaa taasisaniin, dameelee hundaan raayyaa Itiyoophiyaa madaaluu ijaaruun cimee itti fufa jedhan.

Raayyaa Ittisa Biyyaa gurmaa’insaan, beekumsaan, Teeknooloojjin akkasumas, dameelee hundaan hojiin ijaaruu itti fufas jedhaniiru.

Raayyaan dameelee hundaan ga’umsa akka qabatuus kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.

Akkasumas bu’uuraleen misoomni guddina raayyaa Ittisaa madaaluu hojjetamaa jiraachuu eeruun, ijaarsi Hoospitaalaa eegalchiifames agarsiistuu ta’uu kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment