Damee tajaajila geejjibaa fi loojistikiitin abbootii qabeenya dhuunfaaf dameewwan investimantii 44 qopha’aniiru-Aadde Daagimaawwit

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC)- Damee tajaajila geejjibaa fi loojistikiitin abbootii qabeenya dhuunfaaf  dameewwan investimantii 44 qopha’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii aadde Daagimaawwiit Mogaas beeksisaniiru.

Ministirittin imaammata tajaajila geejjibaa fi loojisitikii akkasumas hojiiwwan damichaan hojjetamaa jiran ilaalchisee

ambaasaddaroota dhiyeenya muudamaniif ibsa taasisaniiru.

Ibsichanis waajjirri ministeerichaa Ityoophiyaan mirga damichaan qabdu sirnaan itti fayyadamuu akka dandeessisuu beeksisuu fi hojiin abbootii qabeenyaa gara biyyaa fiduurratti Ambaasaaddaroonni xiyyeeffannoo adda hojjechuu akka qaban gaafataniiru.

Ministir deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoo gama isaaniin, tattaaffii abbootii qabeenya gara biyyaa fiduu keessaatti dursi laatamuufi kan qabu imaammata bu’uuraa fi misooma geejjibaa mijataa taasisuuf shooraa isaanii akka ba’aatan ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment