Dameen indaastirii oomishaa galii sharafa alaa olaanaa galmeessise

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Bara baajataa 2014tti dameen indaastirii oomishaa Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 500 fi kuma 44 galmeessuu ibsame.

Ministeerri Indaastirii naannoole, bulchiinsa magaalotaa fi dhaabbilee itti waamamatootaa waliin raawwii karooraa bara 2014 fi karoora ka’umsaa 2015 irratti Dirree Dawaatti mari’achaa jira.

Bara 2014 dameen indaastirii qormaata kan hedduummaate ta’uu kan eeran Ministirri Ministeerichaa Obbo Malaakuu Allibal, hojmaataa qindaawa biiroleen indaatirii naannolee fi bulchiinsa magaalotaa fooyya’aa akka ture ibsaniiru.

Bara baajatichaattis, dameewwan indaastirii dammaqasuun, carraa hojii uumuu fi indastiriiwwan hojii dhaabaan hojii eegalchiisuuf hojiileen hojjetaman fooya’oo ta’uu ibsaniiru.

haaluma kanaan, damechi sharafa alaa olaanaa argamsiisuu dubbataniiru.

Bara baajatichaatti, damee oomishaarraa Doolaaraa miiliyioona 500 fi kuma 44 galmeessuun kunis kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo wal bira qabamu Doolaara miiliyoona 110 caalmaa akka qabu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment