Dameen diinagdee rakkoolee hedduu keessatti milkaa’ina galmeessuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Dameen diinagdee rakkoolee hedduu keessatti milkaa’ina galmeessuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal ibsan.

Hoggantoonni olaanoo Ministeera Indaastiriifi dhaabbilee waamamtootaa dhimmoota yeroo, jijjiiramoota waggoottan darbanitti dhufaniifi rakkoolee mudatan akkasumas hojiilee yeroo itti aanu hojjetamuu qaban irratti mari’achaa jiru.

Marichaan obbo Malaakuun milkaa’inootaafi gufuuwwan gama diinagdee, siyaasaa fi dippiloomaasiin turan kaasaniiru.

Dameen diinagdee rakkoolee hedduu keessatti milkaa’ina galmeesuu eeruun, daldala al-ergiirraa jijjiiramni fooyya’aan galmaa’uu ibsaniiru.

Piroojektoota biyyaalessaa garaagaraa eegalaman irratti hanni garaagaraa raawwatamus hoggansa piroojektii qindaa’aan xumuramuu fi dhiibbaa liqaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment