Dameen dhuunfaa indaastirii bunaarratti yoo bobba’e bu’a qabeessa ta’a -MM Dr Abiy

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Dameen dhuunfaa oomishaalee gabbisuun indaastirii bunaarratti yoo bobba’e bu’a qabeessa ta’a jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
 
Damichatti kalaqa dabaluun hojjechuun bu’a qabeessummaa guddisuun kan danda’amu ta’uus beeksiseera.
 
Muummee ministiraa guyyaa har’aa dhaabbata buna Ityoophiyaatti galtee ida’uun gabaa addunyaatif ergu daawwataniiru.
 
Bunni Ityoophiyaan oomisha gabaa alaaf ergitu keessaa adda duree ta’uu ibsaniiru.
 
Bunni warqee Ityoophiyaa ta’uu kan ibsan muummee ministiraa, oomishichi hidhata aadaas kan qabu ta’uu eeraniiru.
 
Dameen dhuunfaas teeknooloojii fi beekumsaan deeggaramee, kalaqa ida’ee yoo bobba’e bu’a qabeessa ta’uu akka malu ibsaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment