Dameen dhuunfaa ijaarsa sirna Innooveeshinii keessatti gahee isaanii bahachaa jiru jedhame

Dameen dhuunfaa ijaarsa sirna Innooveeshinii keessatti gahee isaanii bahachaa jiru jedhame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan dandeettii damee dhuunfaa ijaarsa sirna innooveeshiniif oolchaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshiniifi Teeknooloojii beeksise.

Dorgommiin roobootiksii Afrikaa, ministeerichi Itiyoo Rooboo-Roobootiks waliin ta’uun qopheesse Godambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa jira.

Itiyoophiyaan damee dhuunfaa dameewwan saayinsii, teeknooloojiifi innooveeshinii irratti hirmaachisuun diinagdee waaraa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Minsteera Innooveeshiniifi Teeknooloojii Dooktar Baayisaa Badhaadhaa ibsaniiru.

Itiyoophiyaan tarkaanfii Ijaarsa Istaartaappii, misooma humna namaafi bu’uuraalee misoomaa irratti fudhatteen qabeenya horachuufi sirna diinagdee biyyaalessaa utube uumuun danda’amuu eeraniiru.

Fooyyessi diinagdee taasifame invastimantiifi carraa hojiif haala mijataa uumuun diinagdee Itiyoophiyaa ammayyeessuuf kaka’umsa uumuu ibsaniiru.

Dorgommiin kun guyyoota sadiif kan gaggeeffamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment