Dameen Aviyeeshinii waarinaan dorgomaa akka ta’uuf dandeettii teeknoolojii guddisuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Dameen Aviyeeshinii waarinaan dorgomaa akka ta’uuf dandeettii teeknoolojii aviyeeshinii guddisuun barbaachisaa ta’uu Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Geetaachoo Mangisteen dubbatan.

Siimpooziyamiin Argisiisaa Innooveeshinii Aviyeeshinii gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen, seenaa aviyeeshinii jaarraa lakkoofsisus innooveshinii fi teknooloojiii damichaarratti hanga barbaadamu hinhojjenne jedhan.

Yeroo ammaas indaastiricha hojiileen dadammaqsaan hojjetamaa jiraachuu dubbataanii, kunis guddina innooveeshinii fuulduraaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Geetaachoo Mangisteen, dameen Aviyeeshinii waarinaan dorgomaa akka ta’uuf dandeettii teeknoolojii aviyeeshinii guddisuun akkasumas indaastirii cimaa uumuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment