Damee Turizimii irra deebiin eegalchiisuuf qajeelfamni Prootookoolii haaraan ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Sababa weerara vaayrasii koroonaan damee Tuurizimii qorree ture irra deebiin eegalchiisuuf qajeelfamni Prootookoolii haaraan ifoomuu ibsameera.
 
Ministeerri Aadaa fi Tuurizimii har’a daawwachiiftoota biyyaalessaa Ityoophiyaa keessatti aragamniif qajeelfama Prootookoolii haaraa ifoomseera.
 
Diinagdee sababa weerara vaayrasii koroonaan miidhamee jajjabeessuu fi sosochiin Tuurizimii fooyya’aa ta’e akka jiraatuuf of eeggannoo Ministeerri Fayyaa kaa’e hojiitti hiikuun gara hojiitti ni galama jedhame.
 
Dhaabbileen tajaajila laatan meeshaalee barbaachisu guutuuf humna dhabanis Ministeera Fayyaa waliin hojjechuuf karoorfamuu Daayreektarri Faasiiliiteeshinii Idila Addunyaa obbo Teedroos Darribaw ibsaniiru.
 
Qajeelfamni kun daawwachiiftoota qofa osoo hin taane daawwattoonnis of eeggannoo barbaachisu akka taasisan ni ajaje jedhan.
 
Minichil Azazaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment