Damee Teeknoolijiitiin jijjiirama biyyoolessaa fiduuf deeggarsii fi qindoominni murteessaadha jedhame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Damee Teeknoolijiitiin jijjiirama biyyoolessaa fiduuf deeggarsii fi qindoominni murteessaadha jedhameera.

Gamoo dhaabbata itti waamamaa Ministeera Innooveeshinii fi Teekinooloojii Inistiitiyuutii Teekinooloojii fi Innooveeshinii jala ture Korporeeshinii Injinariingii Indaastirii Raayyaa Ittisaaf dabarsee laachuu ibsameera.

Ministir Deettaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojii Dooktar Ahimaddin Mahaammad, Daayreektarri Olaanaa korporeeshinichaa Meejar Jeneraal Ahimad Hamzaa, Daayreektarri Olaanaa Inistitiyuutichaa obbo Muluqaan Qarree fi Daayreektarri Olaanaa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Obbo Saandookaan Dabbabaa sirna wal harkaa fuudhinsa kan raawwatan yeroo ta’u, haala waliin hojjechuun danda’amurratti marii’ataniiru jedhame.

Dhaabbileen akka Korporeeshinii Injinariingii Indaastirii guddina teeknoolojiitiif gahee guddaa waan qabaniif dameechaan jijjiirama biyyaalessaa fiduuf waliin kan murteessaa ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment