Damee qabeenya diinagdee babbal’isuuf Ityoophiyaan Biraazil waliin akka hojjetu ibsame

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Damee qabeenya diinagdee babbal’isuuf Ityoophiyaan Biraazil waliin akka hojjetu Mana Maree Bakka bu’oota Ummataatti Walitti Qabaan koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo fi Nageenyaa Alaa Dooktar Nagarii Leencoo ibsan.
Mana Maree Bakka bu’oota Ummataatti Walitti Qabaan koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo fi Nageenyaa Alaa Dooktar Nagarii Leencoo Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Biraazil Avii Peediroos waliin marii’ataniiru.
Dooktar Nagariin hariiroon biyyoota lameenii baroota dheeraa kan lakkoofsise ta’uu eeruun, hariiroo baroota dheeraaf ture kana caalummatti cimsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Tarkaanfii olaantummaa seeraa mootummaan kaaba Ityoophiyaatti fudhate ilaalchisuun Ambaasaaddar Avii Peediroosiif ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Biraazil gara Ityoophiyaa dhufuun damee invastimantiirratti akka bobba’aniif gaafataniiru.
Ambaasaaddar Avii Peediroos gama isaaniin, Damee qabeenya diinagdee babbal’isuuf Biraazil ce’umsa Qonnaa, Invastiimantii, daldalaa fi teeknooloojiin Ityoophiyaa waliin akka hojjettu eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Comments (0)
Add Comment