Damee oomishaarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 238 ol argame

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Baatiwwan jahaan darban damee oomishaarraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 38 ol argamuu Ministeerri Indaastirii beeksiise.
Bara kana baatiwwan 6 darban damee oomishaarraa galii Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 65.4 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 38 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 67 argamuu Ministeerichi ibseera.
Galiin argames kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Doolaara Miiniyoona 50.77 caalmaa qabaachuu ibsameera.
Ministeerri Indaastirii hoggantoota damichaa naannolee fi bulchinsa magaaloota waliin raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii gaggamuu ragaan fuula Ministeerichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment