Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)- Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknoolojii Koorporeeshinii ZTE damee Misooma Teeknooloojii fi Quunnamtii fi Odeeffannoo akkasumas ce’umsa dijitaalaa irratti waloon hojjechuu fi walta’iinsa jiru cimsuuf kan dandeessisu waliigaltee mallateessaniiru.
Waliigaltechas Ministira Ministeericha Dooktar Ballaxaa Mollaa fi Biyyoota Sahaaraa Gadiitti Pireezidaantii Koorporeeshinii ZTE’tti Yoo Zhi’oohaan mallatteessaniiru.
Waliigaltichis Ityoophiyaatti misooma TQO eegalame babal’isuu fi tarsiimoo dijitaal Ityoophiyaa 2025 babal’isuu fi walta’iinsa jiru cimsuuf akkasumas ce’umsa dijitaalaa mirkaneessuuf kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera.
Bu’uuruma kanaan koorporeeshinichi ijaarsaa bu’uuraalee misoomaa ministeerichaan karoorfaman deeggarsa teekinikaa kennuuf, ce’umsa teeknooloojii mirkaneessuuf akkasumas qabeenya uumuu irratti deeggarsa kan taasisu ta’uu ragaan ministericharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.