Damee konistiraakshinii malaammaltummaa irraa bilisa ta’ee hogganamuu qaba-KNFMO

Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FMC)- Damee konistiraakshinii beekumsaan malaammaltummaa irraa bilisa ta’ee hogganamuu akka qabu Komishiniin Namusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa hubachiise.

Komishiinichi Seektaroota malaamaltummaaf saaxilamoo ta’aniif hubannoo seeraa Magaalaa Shaashamanneetti kennaa jira.

Komishinarri Komishiinichaa Obbo Abdallaa Oggatee dhaloonni sababa malaammaltummaatiin Safuu Oromoon qabu gadi dhiseera jedhan.

Qaamooleen seektaraalee mootummaa bulchan faayidaa isaani hin mallee argachuuf biyyarratti rakkoo uumaa jiraachuu kaasaniiru.

Keessumaa dameen Konistraakshinii sababa malaammaltummaatiin ijaarsawwan biyyaatti gaggeeffaman qulqullina dhabu, yeroo dheeraa osoo hintajaajilin tajaajilaa ala ta’uun baasiin biroof sababa ta’aa akka jiran dubbataniiru.

Rakkoo gama kanaan dhufu ittisuuf damee konistiraakshinii beekumsaan malaammaltummaa irraa bilisa ta’ee hoganamuu qaba jedhanii, kana hambisuuf dhaloota safuu Oromoo beekuu horachuun barbaachiisaa ta’uu kaasaniiru.

Jamaal Kadiirootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment