Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Waltajjiin marii Paanaalii Ityoophiyaan haa oomishtuurratti mariin gaggeeffamaa jira.
Marichi mata duree ‘Uwwisa Imaammataa walitti hidhamiinsa Indaastiriif’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Damee Indaastirii Oomishaa guddisuuf walitti hidhamiinsa galteerratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.
Marii paanaalii kanarratti MinistiraMinisteera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal, Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Makonniinii fi qooda fudhattoonni biro argamaniiru jedhame.
Leeykun Alemtu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.