Finfinnee, Amajjii 18, 2015(FBC)- Damee Indaastirii Oomishaa bu’aa qabeessa taasisuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Obbo Taarraqanyi Bulultaan ibsan.
Waltajjiin marii sosochii Indaastrii “Ityoophiyaan/ Oromiyaan haa Oomishitu” jedhu Biiroo Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaan qophaa’e Magaalaa Bishooftuutti gaggeefamaa jira.
Indaastiriiwwan rakkoolee xixiqqaan hojii keessa galuu dadhabanii turan 200 ol erga sosochiin Indaastirii “Ityoophiyaan haa oomishitu”jedhu eegalee asitti hojii keessa kan galan ta’u Obbo Taarraqanyi haasawaa waltajjicharratti taasisaniin ibsaniiru.
Rakkoo Indaastirii oomishitootaa furuuf qindoominaan hojjachuun xiyyeefannaa mootummaa ta’u ibsuun, abbootiin qabeenyaa hojimaata sirreeffachuun oomishaalee sonni itti dabalame oomishuu, dorgomaa ta’uu,oomishitummaa guddisuu akkasumas Carraa hojii bal’aa uumuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Hoggannaan Biiroo Invastimantiifi Indaastrii Oromiyaa obbo Ahimad Indriis gamasaaniin, naannoon Oromiyaa carraafi haala mijataa qabaachuu eeruun, damee Indaastirii oomishaaf xiyyeeffannaa kennuun Invastimantii haaraa simachuuf warreen buleeyyii jajjabeessuun Oomishaafi oomishitummaa guddiisuuf hojjatamaa jira jedhaniiru.
Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoo, abbootiin qabeenyaa, waldaaleen IMX gara invastimantiitti ce’aniifi bakka bu’oonni baankiiwwan garaagaraa hirmaachaa jiru .
Muluu Waaqshuumeefi Saamu’el Warqaayyootu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.