Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2015 (FBC)- Damee indaastirii maanufaakchariingiirraatti abbootiin qabeenyaa bobba’an Ityoophiyaarraa darbanii gabaa Afrikaaf bu’aa qabeessa ta’uu danda’u jedhan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektarri Jeneraalaa Dhaabbata Misooma Indaastirii Gardi Mular dubbatan.
Ministirri Ministeeraa Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal Daayrektarichaa waliin mari’ataniiru.
Marii isaanii, Dhaabbanni Misooma Indaastirii deeggarsa misoomaa paarkiiwwan indaastirii qonnaa qindaa’aaf taasisuutti dabalataan damee indaastirii huccuuuwwaniif gumaachi taasisaa jiru olaanaadha jedhaniiru.
Misooma diinagdee Ityoophiyaa kan guddisan qindeessa nyaataa, misoomaa indaastirii huccuuwwanii fi gogaa, deeggarsootaa saffisiisan taasifamuun galmoota misooma indaastirii Ityoophiyaan qabattee akka milkeessituuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Sadarkaa biyyaalessaatti sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuurratti waloon hojjechuuf waliigaluu isaanii ministirichii eeraniiru.
Gardi Mular gama isaaniin, damee qindeessa qonnaarrattti abbootii qabeenyaa paarkiiwwan indaastirii keessatti hojjetan hawwachuuf sagantaalee beeksisaa fi kanneen biroo waloon hojjechuun damechaa guddisuuf akka hojjetan himaniiru.
Ityoophiyaatti abbootiin qabeenyaa damee maanufaakchariingiin hojii invastimantiirratti wayita bobba’an gabaa bal’aa fi haalonni mijatoon akka jiran ibsuun, damecharratti abbootiin qabeenyaa bobba’an gabaa Ityoophiyaa qofa utuu hintaane gabaa Afrikaattis bu’aa qabeessa ta’uu akka danda’an dubbataniru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.