Damee hundaan dubartoota ga’oomsuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu qabu – Dooktar Eergoogee Tasfaayee

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Damee hundaan dubartoota ga’oomsuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu akka qaban Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Eergoogee Tasfaayeen ibsaniiru.
Ministeerichi guyyaa dubartootaa ‘March 8’sadarkaa idil addunyatti yeroo 111ffaa fi sadarkaa biyyatati yeroo 46ffaaf kabajamu Imbaasii Jaappaaniti mata duree ‘ani waardiyaa obboleettii kootiiti’ jedhuun kabajeera.
Sirna kanarratto-i Dooktar Eergoogoo Tasfaayee fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Jaappaan Ittoo Taakaakoo dabalatee keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Walqixummaa Koorniyaa mirkaneessuu fi dubartootaa dameewwan Hawaasummaa, Siyaasaa fi diinagdeen ga’oomsuuf hojiin hojjetamu cimee kan itti fufu ta’uu Dooktar Eergoogeen ibsuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment