Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC)- Damee Haqaan Ce’umsa Haqaa fi karoora jijjiirama caasaa haqaaf dhimmoota xiyyeeffannoon kennameef ta’uu Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos ibsan.
Raawwiin guyyoottan 100 Mana Maree Ministiroota Bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti qoratamaa jira.
Dooktar Geediyoon Ximootiwoos raawwii baatiiwwan jahan darbanii Ministeericharratti ibsa kennaniin, damee haqaan dhimmi nageenyaa fi fooyyessi damee haqaa xiyyeeffannoo argachuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan Nageenyi xiyyeeffannaa ce’umsa Itiyoophiyaa keessa tokko ta’uun ce’umsa seeraa hordofuun barbachisaa ta’uu kaasaniiru.
Fooyyeessii damee haqaa hojjetamaa turuu eeruun, damichaan hojiilee bulchiinsa mootummoota keessatti hojjetamaa turan ciminaa fi hanqina isaanii adda baasuun karoorri egeree jijjiramaa caasaa haqaa haaraan qopha’uu himaniiru.
Karoora jijjirama caasichaarratti naannoolee waliin mari’achuun hojiitti galamaa jiraachuu eeruun, naannoolee tokko tokkotti hojiitti galuun jijjirama agarsiisa jiraachuus ibsaniiru.
Damee haqaan, ce’umsi haqaa fi karoorri jijjiirama caasaa haqaa, dhimmoota xiyyeeffannoo olanaan kennameef ta’uu eeraaniiru.
Dandeetti walitti bu’iinsa ittisuu fi hiikuu cimsuurrattis hojiileen garaagaraa hojjetama jiraachuu himaniiru.
Amalawarqi Dammiisootiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.