Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Damee barnootaan bu’aa barbaadamu galmeessuuf ga’umsa hojiilee hoggansaa guddisuunirratti hojjechu murteessaa ta’uu ibsameera.
Hojii barnootaa guddisuuf hoggansa sadarkaan jiru ga’oomsurratti hojjechuun murteessaa ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Barnootaa obbo miiliyoon Maateewoos waltajjii qorannoo Taargeetti Ityoophiyaa jedhamu qopheesseerratti ibsaniiru.
Hoggansi hubannoo fi beekkumsa saayinsaawaa qabu qormaatilee ce’uun bu’aa galmeessuu akka danda’u himaniiru.
Hoggansi sadarkaan jiru ga’umsa hoggansa damee barnootaa cimsuun ofii fi naannoo isaanii jijjiiruuf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ityoophiyaatti Itti Waamamaan Taargeetti Ityoophiyaa Dooktar Abduu Zallaqaa gama isaaniin ga’umsaa fi dandeettii hoggansa damee barnootaa mirkanneessuu dhaabbanni isaanii Ministeera Barnootaa waliin tumsaan kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Dhaabbatichi yeroo ammaa daandeettii raawwachiisuu fi raawwachuu guddisuuuf dhimmoota adda addaarratti xiyyeeffate hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Qorannichi naannolee guddinarra jiran 4 irratti xiyyeeffachuun manneen barnootaa filatamanirratti yaalii gaggeessee bu’aan isaan dhiyaachuun irratti mari’atamaa jiraachuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.