Damee barnootaa Teeknooloojiin ammayyeessuun lammiilee ga’umsa qaban horachuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Damee Barnootaa Teeknooloojiin ammayyeessuun lammiilee ga’umsa qaban oomishuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Damicha teeknooloojiin ammayyeessuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Geetahuun Makuriyaan ibsaniiru.
Yeroo itti aanu adeemsa baruu fi barsiisuu teeknooloojii bu’uura taasiise hojiirra oolchuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Teeknooloojiin deeggaruun lammiilee ga’umsa qaban horachuuf hojjetamaa jira jedhan.
Dooktar Geetahuun, adeemsa kana keessatti hanqina qabeenyaa gufuu guddaa ta’aa jiru furuuf mootummaan dhaabbilee deeggartootaa waliin hojii qabeenya walitti qabuu hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment