Damee barnootaa humna namaa ga’umsa qabuun ijaaruuf hojjetamaa jiraachuun eerame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Damee barnootaa humna namaa ga’umsa qabuun ijaaruuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa ibsan.

Hoggansaa fi hojjettoota Ministeera Barnootaaf, naamusa dhaabbatummaa, murteessummaa fi kominikeeshiniirratti leenjiin kennamaa jira.

Waltajjicharratti Pirofeesar Birhaanuu Naggaan akka jedhanitti, damee barnootaa hogganuuf ga’umsa ogummaa qofa utuu hintaane, ga’umsa hubannoo barbaachisa

Hojjettoonni ministeerichaa dhaloota ga’umsa qabu horachuuf itti gafatama kan qaban ta’uu eeruun, hojii isaanii qulqullinaa fi ga’umsaan ba’achuun isaanirraa akka eegamuu hubachiisan.

Dhaabbata barnootaa fooyya’aa fi hawaasni itti boonu jiraachuun ummataa fi mootummaa qofaaf utuu hintaanee hojjetaas kan fayyaduudha jedhna ministirichi.

Leenjichi damee barnootaan muuxannoo olaanaa kan qaban hayyootaa biyya keessaa fi alaa akkasumas ogeeyyii olaanoof kennamaa jiraachuu ragaan ministeericharra argame ni mul’isa.

Leenjichi guyyoota afuriif kankennamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment