Damee albuudaarratti shirri daldalaa olaanaan naannoolee Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaatti akka mul’atu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Damee albuudaarratti shirri daldalaa olaanaan naannoolee Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaatti rakkoo uumaa jiraachuun ibsame.
 
Hogganaan Biiroo Albuudaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Kamiil Ahimad, naannichatti bara darbe Warqee kiiloo giraama kuma 2 fi 300 Baankii Biyyaalessaaf dhiyaachuu ibsan.
 
Yeroo ammaa garuu shira mul’atuun sadarkaa gadaanaarraa jiraachuu ibsaniiru.
 
Rakkoo kana hambisuuf caasaa nageenyaa pireezidaantii naannichaan hogganamuu hundaa’ee hojiin to’annoo hojjetamaa jira jedhan.
 
Haaluma walfakkaatuun Biiroon Albuudaa Naanno Gaambeellaa, Warqee sirnaan oomishuu fi gabaaf dhiyeessuuf fuuncaan gabaa seeraan alaa uumamaa jiraachuu Ittaanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Koongi Reet himaniiru.
 
Bara darbe naannichi Warqee kiiloo giraama kuma 1 fi 200 Baankii Biyyaalessaaf dhiyaachuu kaasaniiru.
 
Baranas baatiiwwan jahan darbanitti Warqee kiiloo giraama 81.5 qofa baankiif dhiyeechuu himaniiru.
 
Kanaaf seeraan alummaa ittisuuf koreen nageenyaa Pireezidaantii naannichaan hogganamu sochii taasisaa jiraachuu himuun, oomisha Warqee guddisuuf, sirna gabaa qulqulleessuurratti xiyyeeffatamee hojjetama jira jedhaniiru.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment