Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Damee Albuudaa caalmaatti bu’aa qabeessa taasiisuuf fooyya’iinsi garaagaraa hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksiise.
Damicha fooyyessuuf tarkaanfii fudhatameen bara baajataa 2013 lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 16 fi 936f carraan hojii uumamuu ragaan Ministeera Albuudaa fi Boba’aarraa argame ni muul’isa.
Damicha fooyyeessuuf hojii hojjetameen Yuunvarsiitii Finfinnee fi Asoosaatti giddugalli barnoota Albuudaa banamuu ibsameera.
Sirna odeeffannoon Boba’aa ammayyeesuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuus himameera.
Boba’aa biyya keessaa sirnaan hogganuuf Karoorrii fi tarsiimoon qophaa’uu eerameera.
Gatii Dhagaa Cilee dabaluuf Dhaabbileen 14 keessa 2 hojii siiviilii kan eegalan yoo ta’u, 12 ijaarsa warshaaf iddoo fudhachuu dubbatameera.
Kuufama Albuuda Sibiilaa adda baasuuf qorannoon xumuramee, qorannoon bu’aa qabeessummaa gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Ministeerichaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.