Damee Adaamatti galiin Birrii biliyoona 3.6 sassabamuun ibsame

Damee Adaamatti galiin Birrii biliyoona 3.6 sassabamuun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 13, 2017 (FMC)-Baatiiwwan torban darbanitti galiin Birrii biliyoona 3.6 walitti qabuu Ministeera Galiiwwaniitti Dameen Adamaa ibse.

Ministeerri Galiiwwanii Damee Adamaa kaffalttoota gibiraaf adda dureef badhaasaa fi beekamtii kenneera.

Ministeerichatti Itti Gaafatamaan Damee Adamaa Obbo Solomoon Darribeen akka jedhanitti, dhimmi galii dhimma hunda keenyaa waan ta’eef, hunduu itti gaafatamaa isaa bahachuu qaba.

Damichattis ji’ootan 7’n darban galiin Birrii biliyoona 3.6 ol sassaabamu dubbataniiru.

Misoomnii fi badhaadhinni hawwinu, gaaffiiwwan hawaas-diinagdee fi siyaasaan ka’an kan deebii argatan galiin sirnaan yoo sassabamedhas jedhaniiru.

Midhaksaa Qaachaatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment