Damee Adaamaatti Baatii 11 darban galiin Birrii biiliyoona 3.1 walitti qabame

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC)- Baatiiwwan 11 darban galiin Birrii biiliyoona 3.1 walitti qabamuu Ministeeraa Galiiwwanii damee Adaamaa beeksise.

Damichi kaffaltoota gibiraaf leenjiin keenaa ture xumurameera.
Leenjiin kaffaltoota gibiraaf kennamaa turenis, kaffaltii taaksii irratti kan hundaa’e yoo ta’u, kunis, kaffaltoonni gibiraa kara qulqullina fi amanamummaan qooda isaanii akka bahataniif kan tumuudha jedhameera.

Bu’uuruma kanaan Ministeerri Galii Damee Adaamaa bara kana Birrii biiliyoona 3.47 sassaabuuf karoorfateen, baatiiwwan 11 keessatti, Birrii biiliyoona 3.53 sassaabuu Hoji Gaggeessaan Damee Adaamaa Obbo Solomoon Darribee ibsaniiru.

Rawwiin waliigalaas damichaas % 101.63 ta’uus kaasan.

Damichi iftoominaan galii sassabuuf, kaffaltoonni gibiraa teeknooloojiin kaffaltii akka raawwatanii hojjetaa turuu dubbataniiru.

Gama biraatiin, Damichi, Odiitaroota kaffaltoota gibiraa waliinis waltajjii marii gaggeesseera.

Kanneen sassabbii taaksii fi gibiraa burjaajessan irratti tarkaanfiiwwan gargaaraa fudhatamuun eerameera.

Ministir Deetaan Damee Sirna Taaksii Ministeera Galiiwanii Obbo Tasfaayee Tulluus, biyyi galii hinqabne, guddina, misooma ariifachiisaa fi tajaajila kennuu akka hindandeenye ibsanii, galii walitti qabuurratti tokkummaan hojjechuun, biyya misoomtuu fi tajaajila gaarii kennitu dhalootaaf dabarsuu qabna jedhan.

Faxxanee Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment