Dallaa Jagol daawwattootaaf hawwataa taasisuuf hojiin miidhagsuu hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Dallaa Jagol daawwattootaaf hawwataa taasisuuf hojiin miidhagsuu hawaasa hirmaachise hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa, fi Tuurizimii naannichaa beeksise.

Dallichi qulqullinaan walqabatee miidhaaf saaxilamaa dhufuu biirichatti Daayrektarri afaanii obbo Jaamii Mahaammad ibsaniiru.

Yeroo ammaa mata duree Jagoliin “qulqulluu fi miidhagduu haa taasisnu” jedhuun hawaasa aanaalee Amiirnuurii fi Abaadir qindeessuunii fi soschii uummataa uumuun hojiin miidhagsuu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Miidhaguu Jagoliin kan  fayyadamu hundaa ta’uu fi  hawaasni walgargaaree dallicha bareedina isaa duriitti deebisuuf hojjechaa jiraachuu namoonni dhimmicharratti yaada kennan ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment