Daldaltoota seera cabsan kuma 367 ol irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Bara baajataa 2014tti daldaltootaafi dhaabbilee seera qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu fi to’annoo seer-maleessummaa cabsan kuma dhibba 3 fi kuma 67 fi 880irratti tarkaanfiin fudhatamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Hoggantoonni Ministeera Daldalaa fi dhaabbilee waamamtootaa raawwii karoora bara 2014 fi karoora bara baajataa 2015 irratti magaalaa Adaamaatti mari’achaa jiru.

Bara baajatichaatti daldaltoota kuma dhibba 1 fi kuma 92 fi 850 irratti akeekkachiisni barreeffamaa, dhaabbilee daldalaa kuma dhibba 1 fi kuma 67 fi 592 saamsuu fi daldaltoota kuma 3 fi 741 hojii daldalaarraa ittisuu ibsameera.

Dabalataanis daldaltoota kuma 1 fi 723 irratti himanni banamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dhaabbileen daldalaa tarkaanfiin irratti fudhatame eeyyama daldalaa malee warreen hojjechaa turan, nagahee malee bittaafi gurgurtaa kan raawwatan, oomishaalee guyyaan itti fayyadamaa isaanii irra darban gabaaf warreen dhiyeessaniifi seera malee warreen gatii dabalan irratti ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment