Daldaltoota oomishaalee bu’uuraa dhoksuun gatii hin malleetti gurguruuf socha’aa turanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) – Daldaltoota oomishaalee bu’uuraa dhoksuun gatii hin malleetti gurguruuf socha’aa turanirratti tarkaanfiin fudhatame.

Tajaajilli nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa hordoffii fi qorannoo gaggeessaa tureen Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa, Federaalaa, Poolisii magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa, akkasumas qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun duula qindoomina qabu taasiisaniin daldaltoota oomishaalee bu’uuraa dhoksuun gatii hin malleef argachuuf socho’aa turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsameera.

Tajaajilli nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa ibsa miidiyaaleef ergeen eeyyama al ergii fi galchuu mootummaarraa argatan uwwisa taasiisuun dhaabbilee shira diinagdee uumaanirratti hordoffii fi qorannoo gaggeessaa turuu ibseera.

Haaluma kanaan Magaalaa Finfinnee, Sabbataa, Adaamaa fi naannawaa isheetti dhaabbilee shaqaxaalee nyaataa, Zayita, Sukkaara fi Daakuu dabalatee oomishaalee adda addaa mankuusaa fi manneen jireenyaa keessatti kuusaanii fi dhoksan 25 irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Akka fakkeenyatti magaalaa Adaamaatti mankuusaa warshaa daakuu hojii dhaabe Yeerar jedhamu keessatti Sukkaarri hammaan hedduu ta’e kuufamee argamuu himameera.

Lakkoofsa hanga ammaatti taasiifameen Zayinni Leetirri kumni dhibbi 9 fi kumni 12 ol, Sukkaarri kuntaalli kumni 45 ol, Ruuziin kuntaalli kumni 49 fi 500 ol, Daakuun kuntaalli kumni 3 fi 449, Missirri kuntaalli kumni 11 ol, Boqqoolloo kuntaalli kumni 4 fi 700, Baaqelaan kuntaalli kumni 2 fi shaqataaleen nyaataa biroo fi oomishaaleen farra fayyaa namaa ta’an to’atamuu ibsameera.

Adeemsa kana tumsuu osoo qabanuu hoggantoonni mootummaa fi ogeeyyiin sadarkaan jira tokko tokko qaamolee kanneeniif uwwisa laachuun duula gaggeeffamaa ture gufachiisuuf wayita socha’an argamuu himeera.

Kanneen keessaa shakkamtoonni 6 to’annoo seeraa jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu fi shakkamtoota biroo to’achuuf hordoffiin taasiifamaa akka jiru Tajaajilli nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa beeksiseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment