Finfinnee, Mudde10, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Daldaltoota Nagahee malee Daldalaa turan kuma 1 fi 145 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Galiiwwanii magaalichaa beeksise.
Galii magaalichaa guddisuuf maloota sassaabbii galii garaagaraa fayyadamuun hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri Kominikeeshinii biirichaa Obbo Sawunnat Ayyalaan eeraniiru.
Hojiin dhaabbilee tajaajilaa gara saaphana Taaksiitti hin galle gara saaphanichaatti galchuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Adeemsa daldalaa nagahee malee gaggeeffamu hambisuuf koreen hundaa’ee to’annoon taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Baatii Fulbaanaa eegalee hojiin to’annoo cimaa ta’e gaggeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kanaanis Daldaltoota nagahee malee bittaa fi gurgurtaa gaggeessaa turan kuma 1 fi 145 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsuu TOI gabaaseera.
Bara akka magaalichaatti maddoota galii adda addaarraa galii Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 30 fi miiliyoona 400 ol walitti qabachuuf karoorfamuu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia