Daldaltoota hojii seeraan alaarratti bobba’aan kuma 395 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC) – Bara baajataa darbe keessa daldaltoota kuma 395 fi 154 daldala seeraan alaa irratti bobba’anii argamanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.

Hojii to’annoo fi hordoffii naannolee fi Bulchiinsa magaalootaatti gaggeeffameen tarkaanfiin fudhatamuu ibseera.

Daldaltoonni kunneen seeraan ala oomisha kuusuu, eeyyama malee daldaluu, nagahee malee gurgurtaa raawwachuu, daldala Simmintoo fi Boba’aa seeraan alaarratti kanneen bobba’anii argaman ta’uu himeera.

Tarkaanfiin akeekkachiisa barreeffamaa, Dhaabbata daldalaa saamsuu, Eeyyama daldalaa haquu fi hojiiraa dhorkii fudhatamuu ibseera.

Gara fulduraattis hordoffiin taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment