Daldaltoonni bulchiinsa Magaalaa Asallaa Humnaa fi dandeettii qabaniin Raayyaa ittisa biyyaa cinaa kan dhabbatan ta’uu ibsan

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Daldaltoonni bulchiinsa Magaalaa Asallaa sadarkaa ‘A’ fi ‘B’Humnaa fi dandeettii qabaniin Raayyaa Ittisa Biyyaa Cinaa kan dhabbatan ta’uu ibsaniiru.

Mariin haala yeroo irratti xiyyeeffate  daldaltoota bulchiinsa magaalaa Asallaa wajjiin taasifameera.

Waamicha biyyaa fudhachuudhaaf qophii ta’uun barbaachisaa ta’uu kaantibaan magaalaa Asallaa obbo Gaazaalii Hashuun ibsaniiru.

Misooma adeemsisuu fi nagaan ba’anii galuun yoo  biyyi jiraatte qofa jedhan  obbo Gaazaaliin.

Nagaa naannoo eeguun qooda qaama hundaa ta’uu himaniiru.

Aggaammii biyya diiguu diinota keessaa fi alaan biyyarratti aggaamame qolachuuf hawaasni daldalaa ga’ee isaa ba’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Daldaltoonni magaalichaa waamicha biyyaa fudhachuun deeggarsa barbaachisu taasiisuuf murteessuu ibsaniiru.

Aliyyii Gammachuutu gabaase.

Naannoo Keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment