Daldalli Chaayinaa-Afrikaa Doolaara biiliyoona 282.1 qaqqabe

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC)- Daldalli Chaayinaan biyyoota Afrikaa waliin gaggeessitu Doolaara biiliyoona 282.1 qaqqabuun ibsame.

Ministeerri Daldalaa Chaayinaa akka beeksisetti, diinagdee fi walta’iinsi daldalaa hariiroo Chaayinaa Afrikaaf bu’uura murteessaadha.

Bara Faranjootaa 2023’tti Beejiingi biyyoota Afrikaa waliin hariiroon daldalaa qabaachaa turte kan yeroo biraa caalaa milkaa’aa akka ture ministeerichi eereera.

Bara baajatichaatti Chaayinaan biyyoota Afrikaa waliin daldalli damee hedduu adeemsiste Doolaara biiliyoona 282.1 ol qaqqabuun ibsameera.

Kunis waggoota 15’f walitti fufiinsaan Chaayinaan Afrikaa waliin daldala olaanaa gaggeessuu kan akeeku ta’uun eerameera.

Fuuldurattis walta’iinsa dinaagdee fi daldala Chaayinaa Afrikaa daran guddisuuf karoora haaraa baasuun hojjechaa jiraachuu ibsuu Zhiinwaan gabaaseera.

Haaluma kanaan fayyadamummaa waloo ummatoota Chaayinaas ta’e Afrikaa mirkaneessuuf xiyyeeffannan kan hojjetamu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment