Daldalli bilisaa biyyoota Afrikaa dhiyeenyatti hojiirra akka oolu himame

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2012 (FBC) – Daldalli bilisaa biyyoota Afrikaa dhiyeenyatti hojiirra akka oolu Komishinarri Komiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii himaniiru.

Komishinarri komiishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii yaa’ii gamtaa Afrikaa 33ffaa irratti argamuun, daldalli bilisaa Biyyoota Afrikaa dhiyeenyatti hojiirra ni oola jedhan.

Bara Faranjoota 2020 keessa dameewwaan garagaraan hariiroo jiru cimsuun bu’aa caalu galmeessuuf ni hojjennaas jedhaniiru.

Muusaa Faakii dhimmoota nageenyaa Ardichaa irratti haasawa godhaniin, bara darbe nageenyaa Sudaan kibbaaf, humni naageenya Amisoom Soomaaliyaa jiru akka achi turu gochuun hojiin nagaa fi tasgabbii hojjetamuu eeraniiru.

Comments (0)
Add Comment