Daldala ba’ii fi galii saffisiisuuf buufataalee garagaraa fayyadamuuf hojjetamaa jira-Abbaa Taayitaa Maaritaayimii Ityoophiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) –Daldala ba’ii fi galii saffisiisuuf tajaajila buufataalee garagaraa fayyadamuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Maariitaayimii Ityoophiyaa Ibse.
Itti Aanaan Daayrektaraa Abbaa Taayitichaa Yaabbibaala Addis, oomishaalee sibiilaa fi cilee bufata Taajuuraa irraan gara biyya keessaa galchuun muddama buufata Jibuutiirra ture hir’isuu dubbataniiru.
Raawwii loojistiksii fooyya’aa biyya tokkoof filmaatawwan buufatalee jiraaniitti fayyadamuun daldala ba’ii fi galii kan saffisiisuudha jedhanii, Ityoophiyaan sadarkaa loojistiksii gadaanaa qabdu fooyyessuuf karoora misoomaa waggoota 10 keessatti hojiirra oolaa kan jiruudha jedhaniiru.
Fooyya’iinsa raawwii loojistiksiif filmaata tajaajila buufataalee irratti xiyyeeffatamuu kaasanii, buufataalee filmaataa biroo fayyadamuun dhiibbaa jiru hir’isuun hirkattummaa buufata tokko qofaarra jiru hambisuuf gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.
Mootummaanis buufata Jibuutii cinaatti, buufataalee Taajuuraa, Barbaraa fi Moombaasaa fayyadamuu eegaluu ibsaniiru.
Kanaanis, kooridarichatti kaka’umsa kan uumee fi sochiin dinagdee kooridarichaa fooyya’iinsa argisiisuu himaniiru.
Buufata Taajuuraa fayyadamuun, baasii sharafa alaa hambisuu bira darbee buufataalee kanneen waloon misoomsuun fayyadamummaa biyyoota ollaa mirkaneessuuf hojiileen gargaraa hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Karoora waggoota 10 biyyattii keessatti daldala ba’ii fi galii toonii miiliyoonaa 17.732 irraa gara toonii miiliyoona 30.41tti guddisuuf karoorafameera.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment