Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Baatiiwwan 7 darbanitti daldala al-ergii Bunaa, Shaayii fi mi’eessituuwwan irraa galiin Doolaarri miiliyoonni 658 ol argamuu ibsameera.
Baatiiwwan 7 darbanitti oomishaalee Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituuwwanii toonii kuma dhibba 1 fi kuma 45 fi 321 gabaa alaaf erguun galii Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 61.81 argamsiisuuf karoorfatamee oomisha toonii kuma dhibba 1 fi kuma 69 fi 748 erguun galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 58. 1 argamuu ibsameera.
Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu caalmaa Doolaara miiliyoona 302.51 kan qabu ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayiirraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.