Dagannaan weerara vaayrasii koroonaa na yaaddeessera-Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Dagannaan weerara vaayrasii koroonaa na yaaddeessera jechuun Ministeerri Fayyaa ibseera.
 
Ministirr Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa turtii FBC waliin taasisaniin, of dagannaa fi maal na dhibdeen hawaasaa yaaddeessadha jedhaniiru.
Mootummaan lammiileen of eeggannoo akka taasisaniif sochiiwwan taasisaa jiraatuus hawaasni of dagateera jedhan.
 
Ityoophiyaatti tamsa’inni vaayrasichaa kana dura kan tureerra dabaleera kan jedhan Dooktar Darajjeen, kutaa namoota dhibeen itti cimees dhiphaateera jedhan.
 
Hanqinni meeshaaleen hargansuu fi dhaabbileen yaala laataan guutaa jiraachuu ibsuun hawaasni of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Haaylayeesuus Mokonnintu gabaase
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment