Daddabarsitoota seeraan alaa Warqee to’achuuf hoggansi qindoominaan akka hojjetuu Obbo Umud Ujuluu hubachiisan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015(FBC)- Naannoo Gaambeellaatti daddabarsitootaa seeraan alaa Warqee to’achuun oomishichi faayidaa diinagdee biyyaaf akka oolu qaamoleen hunduu qindoominaan akka hojjetu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Umud Ujuluu hubachiisan.

Raawwii karooraa 2015 kurmaana jalqabaa qabeenya albuudaa fi dhimmoota fuuldureerratti Magaala Diimaatti mari’atameera.

Obbo Umud Ujuluun, marichi rakkoolee albuudaa Warqeen walqabatan hambisuun hammeentaa oomisha Warqee Baankii Biyyaalessaatti dhiyaatu guddisuuf kan kaayyeffatee tauu ibsaniiru.

Kanaanis, daddabarsitoota seeraan alaa to’achuun oomisha Warqee diinagdee biyyaaf oolchuuf sadarkaa naannoo hanga gandaatti hoggansi xiyyeeffannaa fi qindoominaan akka hojjetu hubachiisaniiru.

Naannichatti oomishi Warqee mala aadaan kan oomishamu waan ta’eef, hammeentaan oomisha Warqee Baankii Biyyaalessaatti dhiyaatuu hir’achuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment