Daddabarsa namootaa seeraan alaa to’achuuf biyya mijattuu uumuun barbaachisaadha-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC)- Daddabarsa namootaa seeraan alaa to’achuufi rakkichaa furuuf  hojiin biyya mijattuu uumuu hojjechuun akka barbaachisuu Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin himaniiru.

Yakka daldalaa namootaa fi karaa seeraan alaa daangaa ceesisuu fi hojiif seeraan ala namoota gara biyyaa ala erguun ittisuu fi to’achuuf Manni Maree Biyyooleessaa walga’ii waggaa gaggeessa jira.

Walga’icharratti Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin, Abbaa Alangaa waliigalaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, Minstiroonnii fi hoggantoonni hojii mootummaa biroon hirmaataa jiru.

Kayyoo marichaas lammiilee karaa seeraan alaa baqattumaaf saaxilamaan to’achuu fi rakkichaaf akka hin saaxilamnee dursaa ittisuuf kan dandeessisuu kallattii fula duraa kaa’uuf fi kan darbees gamaggamuufi jedhameera.

Bara 2012 hanga 2013 lakkoofsii lammiilee kara seeraan ala baqatanirraa fooyya’uun kan gara biyyaa deebi’an dabaluu kaafameera.

Yeroo itti aanuu lammiilee karaa seeraan ala baqataan irraa hambisuuf  biyya jireenyaaf mijattuu taasisuu fi sodawwa iddoo tokko tokkotti muul’atan ittisuun barbaachisaadha jedhameera.

Kanaafis mootummaan hojii nageenyaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffaannoon hojjechaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Yismaaw Adaaraawtuu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment