Daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaa hordofuu fi to’achuuf bobbiin hundaa barbaachisaadha – MM Dr Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaa hordofuu fi daddabarsitoota to’annaa jala oolchuuf bobbiin qaama hundaa barbaachisaadha jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kaleessa hoggansa naannolee waliin dhimmicharratti mari’achuu ibsaniiru.

Daddabarsa meeshaa waraanaa seeran alaa ittisuu fi to’achuuf tumsa cimsuun ni barbaachisas jedhan.

Baatiiwwan darban keessa daddabarsa meeshaa waraanaa seeran alaa to’achuu fi daddabarsitoota seeratti dhiyeessuurratti hojii boonsaan hojjetamuu Dooktar Abiy eeraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment