Dacheen Wallaggaa qabeenya dilbii lafa keessaafi irraa badhaadhina Oromiyaafi Itiyoophiyaa dhugoomsuu danda’uudha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan daawwannaa sochiiwwan misoomaa godinaalee Wallaggaatti taasisaa turan milkiin xumuru ibsan.

Pireezidaanti Shimallis daawwannicha ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Lixi Oromiyaa qe’ee damboobadha.

Dacheen Wallaggaa qabeenya dilbii lafa keessaa fi lafarraa yoo irratti hojjetan badhaadhina Oromiyaa fi Itoophiyaa dhugoomsuuf utubaa cimaa tahuu kan danda’uu ta’uu himan.

Kaayyoo keenya galmaan ga’uuf leecalloo irraafi jala dachee keenyarra jiru haalan walitti firoomsuun kaappitaala uumuu irratti xiyyeeffanna.

Kana gochuuf, imaammatoota, tarsiimoowwan, sagantaalee akka meeshaatti nu gargaaran labsinee diriirsinee jirra.

Badhaadhina ummata keenya dhugoomsuuf hojiin keenya ijoon hawaasa ijaaruu, dadammaqsuu fi hirmaannaa fi sochii dameewwan misoomaa hundaa mirkaneessuu yoota’u, kanaafis inisheetivoota jiruu fi jireenya ummataa jijjiiruu danda’an bocuun hojiirra oolchineerra.

Kaayyoon daawwannaa keenyaa kunis, meeshaa misoomaa keenya kan tahan inisheetivoota qe’ee ummata keenyatti hojjetamaa jiraniin jijjiirama dhufaa jiru madaaluu, hanqinaa fi cimina jiran seecha’uu, akkasumas muuxannoo babal’achuu qabu adda baasuun kallattii hojii itti aanu gumeessuurratti kan hundaa’edha.

Piroojektoota eegalaman ariitiin akka xumuramanii fi haaraa bocamanii akka hojiitti galan kan ta’an yoo ta’u, hojiiwwan inisheetivoota hundarratti jalqabamaniin bu’aawwan argamuu eegalanii fi muuxannoon bakkaa bakkatti gabbifanneen galma badhaadhina maatiifi biyyaa qabanne milkeessuuf adeemsa keenya itti fufuuf, daawwannaan kun kaka’uumsa addaa kan umedha.

Imala kanaan yeroo ummata waliin dabarsine keessatti nageenya waaressuufi misooma saffisiisuu irratti ittifufiinsaan kan hojjennu ta’uu irra deebiin waadaa gallee jirra.

Qe’ee Oromootti nageenyi waaraan jiraannan, ummanni keenya hojjetee jijjiiramuufi dheebuu misoomaa olaanaa kan qabuudha.

Mootummaan naannoo Oromiyaas humna gamtoomen misooma naannichaa ceesisuu jalqabe cimsee kan itti fufu ta’uu carraa kanaan mirkaneessun barbaada.

Ammas ijaaramnee ni hojjenna, qormaanni kamuu galmoota badhaadhinaa ummata keenyaa milkeessuurraa nu dhaabu hinjiraatu.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment