Daballiinni gatii mul’ate yeroo muraasa booda furmaata ni argata – BDO

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC) – Meeshaalee Bu’uuraa Qamadiirraa Oomishamanirratti daballiin gatii  mul’ate yeroo muraasaan booda furmaata waaraa kan argatu ta’uu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksiise.

Paastaa, Makoroonii, Daakuu,Daabboo fi kanneen biroorratti yeroo dhiyoo as daballiin gatii olaanaa ta’e mul’achuu himameera.

Ityoophiyaan Oomisha Qamadii Alatti erguu eegaluu ishee hordofee meeshaalee bu’uuraa Qamadiirraa oomishamanirratti daballiin gatii bu’uura hin qabne taasiifamuu kutaaleen hawaasaa ibsaniiru.

Torbee muraasan dura gatiin Makoronii Kiiloo Giraama tokkoo Birrii 65 -70 ture yeroo ammaa Birrii 85, Paastaan Birrii 42 ture amma Birrii 55 hanga 60, Daakuun Kiiloo Giraamni tokko 65 ture yeroo ammaa Birrii 75 – hanga 80 gurguramaa jiraachuu jiraattoonni magaaloota Oromiyaa garaagaraa himaniiru.

Daballiinni gatii yeroo ammaa mul’ate kun yeroo muraasa booda furmaata kan argatu ta’uu Biiroo Daldalaa Oromiyaatti Daayrektarri Eegumsa Mirga Fayyadamtootaa fi Dorgommii Daldalaa Obbo Lammaa Ajjamaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Qamadiin alatti kan ergamu faayidaa biyya keessaaf barbaachisu karaa hin miineen qorannoorratti hundaa’ee ta’uu dubbataniiru.

Biyyattiin Qamadii Oomishtu keessaa dhibbeentaa muraasni qofa alatti kan ergitu ta’uu ibsaniiru.

Adeemsa kana keessatti seeran alummaa mul’atu hambisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment