Dabalataan namootni 304 vaayrasii koroonaan yoo qabaman lubbuun namoota 3 darbeera

Finfinnee, Adoolessa 14, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 amma kaleessatiin Ityoophiyaatti namoonni 304 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.

 

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti namoota 5,056 qorannaan samuudaa laabraatoorii hojjetameera.

 

 

Namoota vaayrasichi irratti argame keessaa 157 Finfinneerraa, 36 Tigraayirraa, 46 Oromiyaarraa, 26 Gaambeellaarraa, 17 Afaarirraa,2 Harariirraa, , 7 Soomaaleerraa, 12Amaaraarraa, 1 Kibbarraayi.

 

Lubbuun namoota 3 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan lakkoofsi namoota dhibichaan lubbuu isaanii dhabanii 173 qaqqabuu ministeerichi beeksiseera.

 

Kaleessa namoonni 153 kan dandamatan yoo ta’u, waliigalaan kan dandamatan 5,290 qaqqabuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

 

Amma ammaatti namoota 336,322 qorannaan laabraatoorii kan hojjetame yoo ta’u, waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 10,511 qaqqabeera.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment