Daayrektarri olaanaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo obbo Salamoon Sookaan Gamtaa Teelekoominikeeshinii Idil Addunyaatti Daayrektara Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015(FBC)- Daayrektarri olaanaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo obbo Salamoon Sookaan Gamtaa Teelekoominikeeshinii Idil Addunyaatti Daayrektara Afrikaa Ana Raacheel Iin waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni lameen dhimmoota dhaabbileen lameen waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin, nageenya saayibarii qindoominaan haala eegsisuun danda’amurratti Ittisaafi deebii haleellaa saayibarii Afrikaa waliin kan hojjetan ta’uu ibsameera.

Hirmaannaa Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo koonfiransiifi egzibiishinoota nageenya saayibarii idil addunyaafi ardichaarratti qabu guddisuuf waliin kan hojjetan ta’uu eerameera.

Obbo Salamoon Sookaan, dhaabbatichi oomishaaleefi tajaajiloota nageenya saayibariirratti oomishe akkasumas Giddugala Misooma Ityoo-Taalent Saayibaritti hojiilee nageenya saayibariirratti guddattootaan hojjetaman irratti ibsa taasisaniiru.

Gamtaa Teelekoominikeeshinii Idil Addunyaatti Daayrektara Afrikaa Ana Raacheel Iin gamasaaniin, Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo nageenya saayibarii Ityoophiyaa mirkaneessuun hojiilee gama guddina diinagdeefi hawaasummaa deeggaruun hojjete dinqisiifataniiru.

Yeroo ittaanutti dhaabbileen lameen qindoominaan dhimmoota hojjechuu danda’anirratti hojiileen bu’aa qabeessi akka hojjetamaniif deeggarsa kan taasisan ta’uu ibsuusaanii ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment