Daayreektarri olaanaa Eejansii Nageenya Infoormeeshinii preezdaantii Intarneet Soosaayitii Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Daayreektarri olaanaa Eejansii Nageenya Infoormeeshinii preezdaantii Intarneet Soosaayitii Idil Addunyaa waliin mari’atan.

Daayreektarri olaanaa eejansichaa Dooktar Shuumatee Gizaaw preezdaantii Intarneet Soosaayitii Idil Addunyaa Andiriiw Sulivaan waliin dhimmoota waliin hojjechuu isaan dandeessisurratti mari’ataniiru.

Dooktar Shuumateen akka ibsanitti imaammannii fi tarsiimoon eejansichi baasu qabiyyee idil addunyaa akka qabaatuf Intarneet Soosaayitii waliin dhimmoota waliin hojjechuu isaan dandeessisurratti waliigaluu isaanii himaniiru.

Andiriiw Sulivaan gama isaanitiin waliin geettii odeeffannoo mirkaneessuu fi nageenya eeguuf dhaabbanni isaanii kan hojjetu ta’u ibsuun, hojii eejansichi hojjetu tumsuuf murteerra ga’uu isaanii dubbataniiru.

Marichaan cinaatti ogeessonni teeknikaa Intarneet Sosaayitii Idil Addunyaarra dhufan hojjettoota Eejansii Nageenya Infoormeeshinii waliin nageenya idil addunyaa ilaalchisuun dhimmoota hubannoon barbaachisuu fi of eeggannoon taasifamuu qabu irratti ibsa laataniiru.

Intarneet Soosaayitiin waggaa 29 dura kalaqxoota intarneetiin kan hundeeffame yoo ta’u, odeeffannoon guutuu addunyaa akka qaqqabu, nageenyi isaa kan eegamee fi amantummaa akka qabaatuf hojjechaa kan jiru, akkasumas tola ooltota kuma 67 ol walitti qabuun kan socho’u dhaabbata miti mootummaadha.

Koonfiransiin misooma Intarneet Soosaayitii Finfinneetti yeroo jalqabaaf Gurraandhala 24-26, 2012 gaggeffamaa jira.

Comments (0)
Add Comment