Finfinnee, Eebla 20, 2015 (FBC) – Daawwannaan Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin biyyoota Afrikaatti taasisan michoota baay’isuurratti milkaa’aa kan ture ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alem haala yeroo ilaalchisee ibsa torbee laataniiru.
Daawwannaan Obbo Dammaqaan biyyoota Baha Afrikaa fi biyyoota harawwan Gurguddootti taasisaniin hariiroo biyyoota kanneen waliin jiru cimsuurra darbee gara walkabajaatti akka ce’u kan taasiseedha jedhan.
Taanzaaniyaa, Ugaandaa fi Burrundiin biyyoota yaa’a laga Abbayyaa ta’uu isanaiin mariin Obbo Dammaqaan biyyoota kanatti taasiisan bu’aa qabeessa kan ture ta’uu Ambaasaaddar Mallas kaasaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Jeneraal Abdul Fattaa Alburahaanii fi Mahaammad Hamdaan Daagaaloo waliin bilbilaan marii taasiisuu isaanii eeraniiru.
Waldhabdeen Sudaan marii keessan qofa furmaata argachuun akka irra jiraatu marii isaaniin kaasuu ibsaniiru.
Ityoophiyaanis waldhabdichi adeemsa kana qofaan akka furamu kan hojjetu ta’uu mirkaneessuu isaanii himaniiru.
Habtaamuu Taklesillaaseetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.