Daawwannaan muuxannoo waljijjiirraa hojii misooma qonnaa Godinaalee Oromiyaa 20 keessatti gaggeeffamu eegaluu ibsame

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Daawwannaan muuxannoo waljijjiirraa hojii misooma qonnaa godinaalee Oromiyaa 20 keessatti guyyoota lamaaf gaggeeffamu eegaluu Biiroon Qonnaa fi qabeenya Uummamee Oromiyaa beeksise.
 
Nuuxannoowwan gaggarrii godinaalee Oromiyaa bakka gara garaa jiran walirraa qooddachuun ce’umsa hojii qonnaa jalqabame milkessuuf godina Booranaan alatti godinaalee Oromiyaa 20n keessatti kan gaggeeffamu ta’uu hoogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen ibsaniiru.
 
Muuxxannoo waljijjiirra kanarratti qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni kumni 1 fi 169, hojjettoonni misoomaa 105, godinaaleerraa 126, Seekataroora qonnaa naannoorraa 39 fi kaabinoonni naannoo 27 ni hirmaatu jedhan.
 
Hirmaattoonni Godina Iluu Abbaa Booraa gara godina Qeellam Wollaggaa, Wallaggaa Bahaa gara Shawaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa gara GAONF, Bunnoo Beddelleen gara Horroo Guduruu Wallaggaa, Q/Wallaggaa gara B/Baddallee, Jimmaan gara Wallaggaa Lixaa imaluun ni daawwattu jedhameera.
 
Akkasumas godinni Arsii gara Shawaa Lixaa, Arsii Lixaa gara Shawaa Kibba Lixaa, Gujiin gara Baalee Bahaa, Gujii Lixaa gara Baalee, Booranni gara Baalee, Shawaa Kibba Lixaa gara Wallaggaa Bahaa, Shawaan Bahaa gara GujiiLixaa, GAONF gara Arsii Lixaatti imaluun daawwannaa kana kan gaggeessaan ta’uu ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.
 
Gama biroon Shawaan Lixaa gara Jimmaa, Shawaan Kaabaa gara Harargee Lixaa, Harargee Bahaa gara Shawaa Kaabaa, Harargee Lixaa gara Arsii, Baalee Bahaa gara Gujii, Baaleen gara Harargee Bahaa deemuun daawwannaa muuxannoo waljijjiirraa kana kan gaggeessan ta’uu Obbo Dhaabaan ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment